Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa hundaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) –Naannoo Sidaamaatti Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa hundaa’e.

Naannoo Sidaamaatti Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa miseensa 7 qabu boordii hojii raawwachiifytu filachuun hundaa’eera.

Yaa’ichi kan hundaa’e Yaa’ii Dhaabbilee Amanta Ityoophiyaa magaalaa Hawaasaatti dhimma ijaarsa nageenyaarratti waltajjii guyyaa 2f qopheesseerrattidha.

Yaa’ii hundaa’eef walitti qabaan boordii ta’uun kan filatamaan Abbaa Wangeelaa Takluu Daakoolee Yaa’ii Dhaabbilee Amanta Ityoophiyaa yaa’iichi akka hundaa’uu taasisuu isaan galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.