Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti Ispoortii babal’isuu fi misoomsuuf hojjetamaa jira – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Naannoo Somaaleetti Ispoortii babal’isuu fi misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan Obbo Musxafee Mahaammad sosochii Ispoortii naannoo Somaalee ilaalchisee waliin mari’ataniiru.

Obbo Musxafeen Ispoortiin bashannaarra dabee bu’uura siyaasaa fi diinagdee ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Somaaleetti Ispoortii babal’isuu fi misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Misoomni damee Ispoortii mootummaa qofaan kan hin guutamen ta’uu isaan hirmaannaa hawaasaa fi damee dhuunfaa cimsuun barbaachisu ta’uu Obbo Qajeelaan ibsaniiru.

Maricharratti Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, Pireezidaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaan Gargaartuu Komishinaraa Atleet Daraartuu Tulluu fi Pireezidaantiin Waldaa Federeeshinii Atleetoota Ityoophiyaa Komishinar Maarqoos Gannateen argamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.