Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi yeroo hatattamaa dhiyaachaa jira – Ministeera Nageenyaa

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi yeroo hatattamaa dhiyaachaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksiise.

Erga duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu xumuramee as dhiyeessiin midhaan nyaataa, meeshaalee nyaataan alaa fi qorichoonni lammiilee miiliyoona 1.8 ta’aniif dhiyaachuu ibsameera.

Naannichatti lammiilee miiliyoona 2.5 keessummeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa ibsa har’a laateen himeera.

Fedhii hatattamaa lammiilee kanneenii guutuuf Giddugalli qindeessa oppireeshiini manneen hojii ministeerootaa, Biiroolee naannichaa, dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi garee teeknikaa dhaabbilee miti mootummaa idil addunyaa keessa walitti babba’anirraa magaalaa Maqaleeetti hundaa’uu ibsameera.

Sirni qindeessa yeroo ariifachiisa sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa fi iddoolee raabsa deeggarsaatti qindaa’uun gara hojiitti galuu himameera.

Adeemsa deeggarsichaan daa’imman, dubartoota, jaarsoolii fi qaama miidhamtootaaf dursa laachuun hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Ariitiin dhiyeessii barbaachisu qaqqabsiisuuf mootummaan Ityoophiyaa deeggartootaa misoomaa fi dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Ministeerichi ibseera.

Deeggarsichi buufataalee raabsa deeggarsaa Aksuum, Addigraat, Allaamaaxaa, naannoo Maqalee, Shiree fi magaalaa Maqaleetti argamanirraa raabsamaa jiraachuu himameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.