Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti nageenya ummataa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Hojii Raawwachiisaa olaanaan Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Dooktar Abrahaam Balaay naannichatti nageenya ummataa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf waamicha dhiyeesan.
Dooktar Abrahaam Onkololeessaa 24, 2013 eegalee rakkoo nageenyaa uumameen du’a lammiilee, miidhaa qaamaa, sarbama mirga namoomaa, buqqaatii, miidhaa xinsammuu, saamicha qabeenyaa, barbadaa’uu qabeenyaa fi tasgabbii ummata naannichaarra ga’een balaa cimaa qaqqabuu himuun, haalicha hubachuun haqa sirrii laachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Abrahaam naannichaa tasgabbii fi bulchiinsa ummata giddugaleeffate mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsa laataniin himaniru.
Rakkoolee waqtaawaa naannicha muudate haalan hubachuun rakkicha furuuf murannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffame keessaatti miidhaa lammiileerra qaqqaabe jijjiiruu fi tarkaanfii hoggansa yeroon gaafatu laachuun murteessaa ta’uu Dooktar Abrahaam himaniiru.
Tarkaanfiin mootummaan duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti fudhate balaa tokkummaa fi nageenya biyyaarraa ga’u hir’isuuf tarkaanfii dirqamaan fudhatame ta’uu kaasaniiru.
Nageenyi fi tasgabbiin yeroo ammaa naannicha keessatti muul’ataa jirus wareegama qaalii lammiileen kan argame ta’uu ibsaniiru.
Yaa ta’uutii baatiwwaan jahaan darban keessa lammiilee nagaarraa qaamolee hidhataniin haleellaa qaqqabeen dhiigni lammiilee nagaa dhangala’uu, miidhaan qaamaa qaqqabuu, sarbamni mirga namoomaa olaanaan ga’uu, qabeenyi hedduun barbadaa’uu eeraniiru.
Miidhaan dabalataa lammiileerra akka hin geenye, nagaa fi tasgabbiin akka mirkanaa’uuf qaamoleen hundi ga’ee isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Yeroo ammaa miidhaa kana dura qaqqabeen lammiilee rakkoo garaagaraaf saaxilaman deebisanii ijaaruuf tajaajila laatamu hunda qaqqabsiisuu fi nageeyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hirmaannaa ummataan hojiin hojjetamu murteessaa ta’uu himaniiru.
Raakkoo naannicha muudate ifaatti dubbachuu fi haala ture jijjiiruuf hojjechuun dhimma siyaasaa fi eenyummaa gaafatu akka hin taane eeraniiru.
Naannichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf tattaaffii taasiifamu qaamni hundi deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qabu gaafataniiru.
Bulchiinsi yeroo naannichaa rakkoo naannicha muudate hiikuuf qaamolee hojmaataa fi yaada furmaataa qaban hunda waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf guutumaa guutuutti qophii ta’uu Hojii Raawwachiisaa olaanaan Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
Yeroo seenaa qabeessa kanatti lammiileen hundi dirqama irraa eegamu ba’uuf hirmaannaa cimaa akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.