Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti namoonni qamadii deeggarsaaf dhiyaate gurguruuf yaalaa turan to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti namoonni dhuunfaan qamadii deeggarsaaf kuntaala kuma 4 fi 500 gurguruuf yaalaa turan to’atamuu Biiroon Nageenyaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay beeksiise.
Miidhaan deeggarsa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif dhufe qilleensarratti gurguruuf namoonni dhuunfaan sochii taasiisaa turan to’atamuu hogganaan biirichaa Gargaaraan Komishinaraa Yemaana Gassasaw ibsaniiru.
Qamadiin qaamolee kanneen harkatti qabame deebi’ee lamamiilee deeggarsa barbaadaniif laatamuu himaniiru.
Midhaan nyaataa deeggarsa namoomaaf dhiyaate seeraan qaamolee deeggarsa barbaadaniif akka qaqqabu qaamni hundi ga’ee isaa akka ba’u hubachiisaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.