Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti waamicha bilbila bilisaa Covid -19 irra deebiin hojii eegalchiisuuf waliigalame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa naannoo Tigraayitti waamicha bilbila bilisaa Covid -19 irra deebiin hojii eegalchiisuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaluu beeksiise.
Giddugalli waamicha bilbila bilisaa kun Koroonaan ala dhibeewwan Busaa, Gifiraa, Koleeraa fi waanjalloo mormaarratti odeeffannoo kan laatu ta’a jedhamee eeggama.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee giddugalichi hojii kan dhaabe yoo ta’u, duulicha dura torbeetti waamichoota hanga kuma 20 ni keessummeessa ture.
Giddugalli kun odeeffannoowwan dhibee laachurra darbee miidhaa koorniyaa qaqqaburratti karaa iccitii eegeen tajaajila gorsaa laataa jedhame.
Ityoo Teeleekoomiin meeshaalee murteessoo giddugalichaaf barbaachisa bilisaan kan dhiyeesse yoo ta’u, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsoota garaagaraa taasiiseera.
Maddi:- Shiiniwaa
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.