Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Ummattoota Kibbaatti hawaasni balaa lolaa fi sigiga lafaaf of eeggannoo akka taasiisan gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2015 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaatti hawaasni balaa lolaa fi sigiga lafaa waqtii gannaa muudachuu danda’uuf of eeggannoo akka taasiisan Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa yaadachiise.

Naannawaa balaa lolaa, sigiga lafaa fi jigoof saaxilamoo ta’anitti hawaasarra miidhaan akka hin qaqqabne koreen hundaa’ee hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Balaa naannichaa Gaantaa Gaam’oon ibsaniiru.

Aanaaleen akka Maaraqoo, Baha Maasqaan, Maasqaan, Silxee, Saankuraa, Baha Silxee, Shaashoogoo,aanaaleen Godina Halaabaa 3, Aballaa Abbaayyaa, Duggunaa Faangoo fi Humboon balaa lolaaf saaxilamoo ta’uu isaanii eeraniiru.

Akkasumas aanaaleen Naannoo Kibbaa Keessatti argaman hedduun balaa kanaaf saaxilamoo ta’uu isaanii himaniiru.

Hawaasni naannawaa kanneen keessa jiraatan odeeffannoo laatamu bu’uura taasiisuun dursanii of eegannoo akka taasiisan yaadachiisaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.