Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Afaarii fi Gaambeellaa Qonna Jallisiirratti xiyyeeffannoon hojjetachaa jiraachuu ibsan

Finfinnee, Amajjii 24, 2015 (FBC) – Naannoleen Afaarii fi Gaambeellaa Qonna Jallisiirratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Biirooleen naannolee kanneen beeksisa.

Naannoo Gaambeellaatti lafa hektaara 480 Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri 139 sanyiin uwwifamuu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Ajaak Uchaan ibsaniiru.

Lafa hektaara tokko irraa callaa kuntaala 35 argachuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Naannoo Afaarittis lafa hektaara kuma 24 Jallisii Boneen misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma Sululaa naannichaa Injiinar Walaa Wuxiiqaan ibsaniiru.

Oomishaa fi Oomishtummaa guddisuuf qonnaan bultoota waliin hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu hoggantoonni kunneen Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.