Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Amaaraa Sirreeffamtoota seeraa kuma 1fi 460’f dhiifama taasise

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Biiroon Haqaa Naannoo Amaaraa sirreeffamtoota seeraa kuma 1fi 460’f dhiifama taasisuu beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Birhaanuu Gooshim, Manni Maree Bulchiinsaa Naannichaa walga’ii idilee 6ffaa gaggeesseen marsaa 2ffaaf dhiifama taasifamu sababeeffachuun, sirreeffamtoota seeraa dhiira kuma 1 fi 431 fi dubartoota 29’f dhiifama taasisuu ibsan.

Sirreeffamtoonni seera dhiifamni taasifameefis balleessaan isaanii kan dhiifama hindhorkisiisne, yeroo turtii isaanii gara xumuraatti kan dhiyaate ta’uu ibsan.

Himattoota isaanii waliin kan araaramanii fi umrii isaanii bu’uureffachuun dhiifama taasisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameefis hawaasatti wayita makaman kanneen biroof fakkeenya ta’uun jireenya idilee isaanii akka itti fufsiisan hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.