Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Beenishaangul Gumuz dargaggoota qonnarratti gurmaa’aniif tiraaktara qoode

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Naannoon Beenishaangul Gumuz dargaggoota aanaalee Godina Kaamaashii qonnaarratti gurmaa’aniif tiraaktaroota Birrii miiliyoona 50 oliin bitaman qoodeera.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadlii Hasan sirnicharratti, nageenyi deebi’ee dargaggoonni tiraaktaroota tumsa misoomaa ta’an argachuutti baga gammaddan jedhaniiru.

Nageenyi mirkanaa’e itti fufiinsa akka qabaatuu fi diinagdee cimsuuf hunduu gahee gama isaa bahachuuf misoomarratti hirmaachuu qabu jedhaniiru.

Godinichi lafa misoomaaf mijataa ta’e waan qabuuf dargaggoonni tiraaktaroota kennamaniif fayyadamuun jijjiiramaa saffisaa akka fidan amantaa qaban ibsaniiru.

Itti Aanaan Biiroo qonnaa Naannichaa Obbo Axinaafuu Baabuur gama isaaniin hojiilee qonnaa makkaanaaayzeeshiniin ammayyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee kanneen tiraaktaroonni tumsan bitamanii raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Jillii Pireezidaantii Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi qondaaltota olaanoo naannichaan durfamu Godina Kaamaashiitti kutaalee hawaasa waliin mari’achaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.