Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Beenishaanguul Gumuz fi Giloobaal Deeviloopimanti waliin Invastimantii Damee Barnootaa waliif mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) – Bulchiinsi mootummaa Naannoo Beenishaanguul Gumuz fi dhaabbanni dhuunfaa Giloobaal Deeviloopimanti waliin Invastimantii Damee Barnootaa waliif mallatteessaniiru.
Pireezidaantii naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi Pireezidaantiin dhaabbata dhuunfaa Giloobaal Deeviloopimanti Dooktar Maatiwoos Gichilleen waliigalticha mallatteessaniiru.
Naannichatti Misoomni barnootaa hanga barbaaddame guddina kan hin argisiifne waan ta’eef rakkoo kana furuu fi dhaloota barate horachuuf waliigaltichi qooda olaanaa qabaachuu Obbo Ashaadiliin ibsaniiru.
Giloobaal Deviloopimnati muuxxannoo fi beekkumsa qabu fayyadamee rakkoolee damichaan jiran furuuf naannicha waliin tumsaan akka hojjetu gaafachuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Beenishaanguul Gumuzirraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.