Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii lammiilee naannoo Somaalee hongeen miidhamaniif Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin durfamu magaalaa Jigjigaa galeera.
Jilichhi itti aantuu Preezdaantii naannichaa Aadde Miisiraa Abdallaa dabalatee hoggantoota olaanoo mootummaa naannichaa fi abbootii amantaa kan hammate ta’uu ibsameera.
Jilichi gara sana kan imale kutaalee hawaasaa naannoo Somaalee sababa hongeen miidhaman deeggaruu fi dhimmicha ilaalchisee mootummaa naannichaa waliin mari’achuuf ta’uu eerameera.
Jilli obbo Oordiin Badiriin durfamu kun wayita magaalaa Jigjigaa ga’u Preezdaantii naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammadii fi hoggantoota naannichaa biroon simannaan taasiifamuufi ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Jilichi kutaalee hawaasaa kanneen dandamachiisuuf Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasiiseera.
Deeggarsicha Preezdaanti Musxafeef laateera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.