Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa hongee godina Booranaatti mudate ittisuuf Birrii miiliyoona 30 ramade

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa hongee godina Booranaatti mudate ittisuuf Birrii miiliyoona 30 ramaduu Komishiniin Ittisa soda Balaa Oromiyaa beeksise.

Hongee sababa hanqina roobaan godinichatti mudate kun balaa caaluu osoo hin qaqqabsiisiin ittisuuf Birrii miiliyoonni 30 ramadamuu ibsameera.

Dhimmicharratti mootummaa naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Itti aanaan Komishinichaa obbo Garramoo Oliiqaa ibsaniiru.

Hongeen godinichatti mudate hanqina nyaataa fi bishaanii qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Hongeen kun namaa fi beelladarra balaa caalu akka hin qaqqabsiisneef nyaata beelladaaf Birrii miiliyoonni 10 akkasumas deeggarsa namoota hongee kanaan miidhamaniif Birrii Miiliyoonni 20 mootummaa naannichaan ramadamuu ibsaniiru.

Bootteewwan bishaanii 15 dhaabbiin ramadamanii hanqina bishaanii furuuf hojii eegaluus himaniiru.

Maddi:- DhPI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.