Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa rakkoolee turan qolachuun Hidha Haaromsaaf deeggarsa taasisaa jira-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaa rakkoolee gama siyaasa fi hawaasummaan mudataa turan qolachuun Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu Ittaanaan Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Mariin Paanaalii gaggeessaa waancaa Hidha guddicha Haaromsa Ityoophiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Mariicharratti Obbo Awwaaluu Abdiin haasaawaa taasisaanii, Naannoo Oromiyaa rakkoo gama siyaasaa fi hawaasummaa mudataa turan qolachuun hidhichaaf deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisan.

Xiyyeeffannoo ijaarsa hidhichaaf laatameen hojiileen bu’aa qabessa ta’an hojjetamu kaasaniiru.

Hawaasni naannichaas galma gahiinsa ijaarsa hidhichaaf bittaa boondii fi deeggarsa adda addaan tumsa turuu himanii, ammallee qaamoleen hundi ijaarsi hidhichaa hanga xumuramutti deegarsa taasisaan cimsanii akka itti fufaan gaafataniiru.

Naannoon Oromiyaa waancaa hidhichaa Naannoo Sidaamatti kan kennuu ta’uun eerameera.

Obsee Waaqgaariitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.