Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaafi Chaayinaatti bulchiinsi Liiyaawoniing waliin  hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Naannoon Oromiyaafi Chaayinaatti bulchiinsi Liiyaawoniing dameewwan garaagaraan tumsaan waliin  hojjechuuf gama viidiyoo Konfiransii mari’achuu ibsame.

Waltajjicha kan qindeesse Imbaasii Ityoophiyaa Beejiingitti argamu ta’uu ragaan imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Dameewwan daldalaa, invastimantii, aadaa, tuurizimii, barnootaafi fayyaa dameewwan gara fuula duraatti tumsaan irratti hojjetan ta’uu eerameera.

Jeneraal Daayrektarri Biiroo Dhimma Alaa Bulchiinsa Liiyaawooniing Liwuu Liin, dameewwan Qonnaa, Albuudaa, Barnootaafi fayyaan akkasumas saayinsiifi teekinooloojiin bulchiinsichi guddina olaanaa galmeessisuu eeruun, naannoo Oromiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedhii guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Waltajjichaan ibsi kuufama qabeenyaa naannoo Oromiyaafi bulchiinsa Liiyaawoniing mul’isu kan taasifame yoo ta’u, yeroo dhiyootti sanada waliigaltee waliif mallatteessuuf waliigalamuu eerameera.

Maricharratti Chaayinaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaa, Jeneraal Daayrektarri Biiroo Dhimma Alaa Bulchiinsa Liiyaawooniing Liwuu Lii, Hogganaa Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Mogas Ida’eefi hoggantoonni olaanoon biroon hirmaachuu ibsameera.

Qaamoleen lameen walitti dhiyeenyaan akka hojjetaniif deeggarsa barbaachisaa kan taasisan ta’uu Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.