Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Naannoo Hojii Indaastirii Eeguun Dirqama Qooda Fudhattoota Hundaati -Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Waltajjiin Marii Gar-Sadee Hawaasummaa Qooda Fudhattoota Waliin Gaggeeffameera.

Hojjettootni Indaastirii garaa garaa keessaa hojjetan kaffaltii mindaan qaala’iinsa jireenyaa waliin wal gitu akka kaffalamuu fi waldaan gurmaa’uun lati mana jireenyaa akka kennamuuf gaafataniiru.

Itti Gaafatamaa Waajjira Hojjetaa fi Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Waaqayyoo Alaakee, Nageenya Indaastirii eeguu fi oomishaaf oomishtummaa guddisuun gahee hojjettoota hundaa ta’uu eeraniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa guddisuun fayyadamummaa qooda fudhattoota mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar.Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Shaggar kan hundaa’e gaaffii uummataa deebisuuf waan taheef gaaffii mana jireenyaa akka Bulchiinsa Magaalichaatti jiru deebisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeruu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.