Fana: At a Speed of Life!

Nageenya qe’ee keenyaa tikfachuun nageenya Oromiyaaf murteessaadha – Obbo Abdurahmaan Abdallaa

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Mariin dhimma nageenyaa fi misoomaarratti xiyyeeffate Godina Booranaatti gaggeeffameera.
Maricharratti sadarkaa Itti Aanaa Pireezdaantiitti Qindeessan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Abdurahmaan Abdallaa ,nageenya qe’ee ofii tikfachuun nageenya naannoo fi biyyaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Jiraattoonni Godina Booranaa ijaaramuun nageenya qe’ee isaanii tiffachuu akka qaban dhaamaniiru.
Hojiilee nageenya waareessuuf hojjetamu keessatti misoomaan utubaa deemuun milkaa’ina yaadamu yeroo gabaabaatti milkeessuuf hojjetamuu akka qabu Obbo Abdurahmaan Abdallaa himaniiru.
Hoogganaan Ijaarsa Paartii Badhaadhina damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii gamaasaaniin, uummanni Horsiisee bulaa hoongeen miidhamaa ture miidhaa sana dandamachiisuuf piroojektii finnaatti gargaaramanii bishaan Roobaa fi jallisiin misoomsuun fayyadamaa ta’uu kaasaniiru.
Hojii kana gabbisuun bu’aa qonnaa fi horsiisarraa argatan irraa qusachuun egeree isaanii ijaaruu akka qaban hubachiisaniiru.
Uummanni Booranaa akkuma kanaan dura daangaa biyyaa eegaa ture ammas ciminaan hojjechuun nageenya isaa mirkaneessuu akka qabu ibsuuragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.