Fana: At a Speed of Life!

Nageenyii fi haqa qabeessummaan akka waaru ni hojjenna – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez bara 2024 keessa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti ibsa kennaniiru.

Biyyoonni nageenya waaressuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Akkaataa tumaalee fi Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin nageenya waaressuun barbaachisaa ta’uu eeruun, nageenyii fi haqa qabeessummaan akka waaru xiyyeeffannoon ni hojjenna jedhaniiru.

Yaa’ii Waliigalaanis bara Faranjootaa 2024 keessa dhimmoota xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qaburratti mari’atamuu eeraniiru.

Nageenyi bu’uura waa hundaa ta’uu isaan kallattii hundaan irratti hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Waldhabdee hammaataa Sudaan gaaga’aa jiru dhaabuuf tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamu gaafachuu isaanii CGTN gabaaseera.

Biyyoonni hundi waraana suukanneessaa Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabsisuuf qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.