Fana: At a Speed of Life!

Namoonni 7 vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) –Qorannaa sa’aa 24 gaggeeffameen namoonni 245 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa 5709 hojjetameera jedhan ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
245 keessaa 172 dhiirota yoo ta’an,73 dubartoota.
 
Umriin isaaniis waggaa 1 hanga waggaa 85 keessatti kan argamu ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.
 
Namoonni 7 ammoo Finfinneerraa lubbuun darbaniiru.
 
Namoota lubbuun darban keessaa kan namoota 6 reeffa isaaniirraa samuudaa fudhatameen kan mirkanaa’eedha.
 
241 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 4 lammiilee biyya alaatis jedhan.
 
Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 190 Finfinneerraa, 16 naannoo Somaalee, 3 naannoo Amaaraa, 15 naannoo Tigraay, 4 naannoo Kibbaatii,17 naannoo Oromiyaarra ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaan amma ammaatti qorannaa samuudaa 170,860 gaggeessiteetti.
 
Kanaanis namoonni 2915 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.
 
Amma ammatatis lubbuun namoota 47 darbeera.
 
Namoonni 451 dandamataniiru.
 
Namoonni 38 hordoffii yaala cimaa keessa jiru.
 
Waliigalaan amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 2415.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.