Fana: At a Speed of Life!

Namoonni beekkamtii Teeleen ala Sararoota bilbilaatti fayyadamaa turan to’ataman

Finfinnee, Ebla 13, 2016 (FBC) – Naannoo Harariitti namoonni beekkamtii Teeleen ala Sararoota bilbilaatti fayyadamaa turan to’atamuu Poolisiin beeksise.

Naannoo Hararii Aanaa Jeneelaatti namoonni 4 beekkamtii Teeleen ala sararoota bilbilaa fayyaddamaa turan meeshaalee itti tajaajilamaa turan waliin to’atamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii aanichaa Komandaar Maftuuhi Kadir himaniiru.

Shakkamtoonni kunneen namoota dhuunfaa kaffaltii olaanaan kaffalchiisuun gara biyya alaatti bilbilchiisuun karaa seeraan alaa faayidaa hin malle argachaa turuu himaniiru.

Maashinni bilbilaa abbaan Anteenaa kasaa seeraan alaa gara biyya keessaa gale, Siimkaardoonni hedduun, Moobaayiloonni, Saanduqni Waayifaa, keebiloota baay’ee dabalatee meeshaaleen tajaajila bilbilaaf oolan hedduun to’atamuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.