Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dabalataa 1,733 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,733 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,766 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,733 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabani 13 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 758 darbeera.

Haaraan kan dandamata 586 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 17,415

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 48,148 qaqqabeera.

Namoonni 357 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.

Yeroo amma vaayrasichi namoota 29,965 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 850,236 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.