Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfa daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuutin shakkamaan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Magaalaa Nageelleetti Namoonni dhuunfa 3 daddabarsa baala sammuu nama hadoochuutin shakkamaan to’annaa jala oolu poolisiin beeksiseera.

Itti aanaa daayrektaaraa qorannoo ittisa yakkaa godinicha Saajiin Olaanaa Guutamaa Saafaay akka ibsanitti, dheengadda magaalichaatti sakattoo mana nama dhuunfa tokko keessaatti taasifameen baalli sammuu namaa hadoochuu kiiloo giraama 20 ulfaatu Kaanaabiis jedhamu argameera.

Namoonni dhuunfa 3 daddabarsa baala sammuu nama hadoochuutin shakkamaanis to’annaa jala ooluun to’annaa taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Madd:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.