Fana: At a Speed of Life!

Namoonni Noottii Birrii sobaa abbaa dhibba lamaa 500 qabatanii argaman to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Liddataatti namoonni dhuunfaan Noottii Birrii sobaa abbaa dhibba lamaa 500 qabatanii argaman to’atamuu ibsame.
Miseensonni Komishinii Poolisii Federaalaa hordoffii cimaa taasiisaniin kutaa magaalaa Liddataa aanaa 3 iddoo addaa Kookaa jedhamee waamamutti namoota dhuunfaa kanneen to’annoo jala oolchuu ibsameera.
Namoonni dhuunfaan kunneen Noottii Birrii sobaa abbaa dhibba lamaa 500 qabatanii harkaa fi harkatti qabamuu himameera.
Namoota dhuunfaa kanneerratti qorannoon dabalataa gaggeeffamaa jiraachu eerameera.
Hawaasni yakkoonni akka kanaa wayita muudatan qaamolee nageenyaaf eeruu laachuu akka qaban Komishiniin Poolisii Federaalaa waamicha taasiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.