Fana: At a Speed of Life!

Namoota dhuunfaa balallii gara Maqaleefi Shireetti taasifamurratti taariifaa ol kaffalchiisuun shakkaman itti gaafatamoo taasisuuf hojjetamaa jira- TNOB

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015(FBC)- Namoota dhuunfaa balallii gara Maqaleefi Shireetti taasifamurratti taariifaa ol kaffalchiisuun shakkaman itti gaafatamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ibse.

Balallii Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Finfinneerraa gara Maqaleefi Shireetti taasisuun ogeeyyiin Finfinneefi Maqaleetti ramadamanii hojjetan tokko tokko namoota dhuunfaa ejentoota daandii qilleensichaa waliin hojjenna jedhan waliin shira shiruun hanga taariifa kaa’ameen ol osoo kaffalchiisanii bira gahamuufi hojiin gochaa isaaniitti itti gaafatamoo taasisuu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo ibsa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen, dhimmi namoota taariifaa ol kaffalchiisaa turaniifi hawaasa dhamaasaa turan qulqulleeffamee hojiin gochaa isaaniif akka itti gaafataman taasisuu hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Balalliin daadiin qilleensichaa guyyaatti gara Maqaleetti taasisu gara shaniitti guddachuufi torbanitti gara Shireetti taasisu gara sagaliitti ol ka’uu ibsichaan kan eerame yoo ta’u, humni namaa barbaachisaan bakka gahumsa balalliitti ramadamuun haala nageenyummaan isaa mirkanaa’een imaltoonni tajaajila gahaa akka argataniif kutannoon hojjetamaa jiraachuu addeessameera.

Ogeeyyiin daandii qilleensichaa Finfinneefi Maqaleetti ramadaman tokko tokkoofi ejentoonni daandicha waliin hojjetan fedhii namoonni tajaajila daandii qilleensaa fayyadamuuf qaban akka carraa gaariitti fayyadamuun shira shiranii taariifaan ol osoo kaffalchiisanii bira gahamuu ibsichaan yaadachiifameera.

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaafi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa dhimmicharratti hordoffii taasisaa turuun namoota dhuunfaa gochicharratti hirmaachaa turan 4 adda baasuun harkaafi harkatti qabamuun dhimmi isaanii buufata Poolisii Maqaleetti qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Ejentoonni Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa keessa hojjechaa turan 5 hojiirraa dhorkamuun dhimmi isaanii qulqulleeffamaa jiraachuufi qaamolee dhimmicharratti hirmaatan biroo adda baasuun tarkaanfii fudhachuuf hojiin ragaalee qindeessuu hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Hawaasni hojiimaata seera qabeessaafi biiroo kana hojii kana hojjechuuf gurmaa’e qofarraa tikeetii kutachuun hanga taariifa dhaabbatichaan kaa’ame qofaan tajaajila argachuu kan danda’u ta’uu ibsuun, seer-maleeyyiin gowwoofamuun karaa hin malle kaffaltii akka hin raawwanne hubachiisameera.

Kana malees hawaasni namoota waliin dhahuuf yaalan wayita argu qaamolee nageenyaa naannawaasanaaf eeruu akka kennu akkasumas kara toora bilbilaa 910n eeruu kennuu kan danda’u ta’uu yaadachiiseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.