Fana: At a Speed of Life!

Naqamteetti namoota harka qalleeyyii 850f deeggarsi taasifame

Finfinnee, Hagayya 7, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti namoota harka qalleeyyii 850 ta’aniif deeggarsi meeshaalee nyaataa fi qulqullinaa Birrii miiliyoona 2.5tti tilmaamamu taasifameera.

Weerara vaayrasii koroonaa sababeeffachuun harka qalleeyyii 850f namoonni dhuunfaa fi abbootii qabeenyarra deeggarsi midhaan nyaata, meeshaalee qulqulliinaa fi zaytaa taasifameera.

Deeggarsichi marsaa 3ffaaf taasifamuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootuumma Magalaa Naqamteerra arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.