Fana: At a Speed of Life!

Niijaritti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin lubbuun loltoota 25 darbe

Finfinnee, Amaajji 1, 2012 (FBC) – Niijaritti haleellaa hidhattoonni qaqqabsiisaniin lubbuun loltoota 25 darbuun dhaga’ame.

Haleellaa buufata loltootaa daangaa Maaliitti argamu irratti qaqqabeen kanneen du’aaniin alatti loltootni 6 madaa’uun isaanii himameera.

Haleellaa qaqqabeef qaamni itti gaafatamummaa fudhate jiraachuu baatuus, haleellicha kan qaqqabsiisan humnoota Alqaayidaa fi IS waliin hariiroo qaban ta’uu hin oolle jedhameera.

Haleellichaan wal qabatee hidhattoonni Niijar 63 ajjeefamuun isaani ibsameera.

Bakkii haleellaan itti qaqqabe naannoo hidhattoonni socho’anii fi loltoota mootummaaf iddoo rakkiisa ta’uun ni himama.

Maddi:- CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.