Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraahi Aanaa Giimbootti sagantaalee duula misoomaa ‘Yeleemaat Tiruufaat’ daawwatan

Finfinnee, Sadasa 5, 2015(FBC)- Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Godina Kafaa Aanaa Giimbootti sagantaalee duula misoomaa ‘Yeleemaat Tiruufaat’ daawwatan.

Jilli obbo Adam Faarahin durfamu aanichatti hojiilee qonnaa horsiisa lukkuu, oomisha dammaafi kanneen biro daawwateera.

Hojiileen qonnaa aanichatti sagantaa duula “Yeleemaat Tiruufaatiin” hojjetamaa jiran warreen kaaniif fakkeenya ta’uu kan danda’an ta’uu ibsameera.

Daawwanicharratti Obbo Adam Faaraahifi Ittaanaa Pireezidaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni olaanoon federaalaafi naannichaa biroon argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.