Fana: At a Speed of Life!

Obbo Aganyahu Tashaagar Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos ilaalchisee ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar Ayyaana Dhalachuu Yesuus Kiristoos (Qillee) ilaalchisuun ergaa bagaa ittiin isin gahee dabarsan.

Obbo Aganyahu ergaa dabarsaniin Ityoophiyaanni hundi amantaalee, afaanotaa, aadaa fi ilaalcha heddummina kan qabnuudha jedhan.

Garaagarummaan keenyaas miidhaaginaa fi hawwattumaa keenya malee jibbaan wal ilaaluurra darbee sababoota walgorsuu taasisuu qabna jechuun ibsaniiru.

Ayyaana dhalachuu Yesuus Kiristoos irraa wanti barannu nagaa, jaalaalaa fi araaraa akka ta’e kaasaniiru.

Guyyaa dhalchuu Yesuusa Kiristoos wayiita kabajnus walqixxummaan, tokkummaan, jaalalaa fi waliif yaaduun ta’uu akka qabu dhaaman.

Hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa maraanis ayyaana gaarii akkaa ta’uu hawwii qaban Obbo Aganyahu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.