Fana: At a Speed of Life!

Obbo Araggaa Kabbadaan Bakka Butoota DhMG waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa fi kaabineen naannicha Bakka Bu’oota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii waliin mari’ataniiru.

Obbo Araggaan mariichan, sababa walitti bu’iinsaa Kaabaan mancaatii qaqqabeen deebisaanii ijaaruuf deeggarsi dhaabbbiilee deeggartoota cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Naannoo Amaaraatti bu’uuraalee misoomaa manca’aanii fi miidhaa namoomaa fi diinagdee qaqqabe bakka buutoota kanneeniif ibsaniiru.

Walitti bu’iinsaan qabeenyi olaanaan manca’uu eeruun, hojiileen deebisaanii ijaaruu hojjetama jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan naannicha Birrii biiliyoona tokko ramaaduun manneen barnoota, keellaawwaan fayyaa, dhaabbiilee bishaanii ijaaraa jiraachuu ibsuun, kunis akkaataa miidhaa qaqqabeetiin yoo madaalamu gaha akka hintaane ibsaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Deeggarsa Namoomaa Dooktar Raamiiz Alakibaaroov, dhaabbatichi dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannichaa fi hojiilee misoomaa irratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu eeraaniiru.

Hojiilee qonnaa, dhiyyeessii bishaan dhugaa, fayyaa fi hojiilee misoomaa biroorratti kan hirmatan ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.