Fana: At a Speed of Life!

Obbo Baqqalaa Garbaarratti guyyaan qorannaa dabalataa 8 eeyyamame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC) – Obbo Baqqalaa Garbaarratti guyyaan qorannaa dabalataa 8 eeyyamame.
 
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa kaleessa dhimma obbo Baqqalaa Garbaa kan ilaale yoo ta’u, poolisiidhaf guyyootii qorannaa dabalataa 8 eeyyameera.
 
Poolisiin kanaan dura guyyootii qorannaa 11 laatameefii tureen hojiilee hojjete Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Lidataa; dhaddacha dabaree yakkaa Araadaaf ibseera.
 
Dhaabbilee 3 qofarrattai miidhaa qaqqabeen qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 66 baduu ragaa argachuu poolisiin beeksiseera.
 
Burraayyuutti lubbuun namoota 4 darbuu, namoota 4 irra ammoo miidhaan qaqqabuu; qabeenyi Birrii miiliyoona 7 barbadaa’uunis ibsameera.
 
Garicharraa shugguxoota argaman 7 keessaa 2 kan obbo Baqqalaati kan jedhe qorataan poolisii, aamma ammaattis ragaalee namoota 50 dhaggeeffachuu beeksiseera.
 
Kutaalee bulchiinsa magaalaa 5 keessatti dhaabbilee addaddaarratti miidhaan qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 2 olii barbadaa’uun ibsameera.
 
Miidiyaaleen walitti bu’iinsi amantaa fi sabummaa akka uumamu kakaasaa turanis jedhe.
 
Obbo Baqqalaan gama isaanitiin poolisiin akka yaada irraa hin fuudhin himanii, yakki ittiin shakkaman na hin ilaallatu jedhaniiru.
 
Poolisiin takkaa shugguxiin manatti, takkaa ammoo konkolaataa keessatti argame kan jedhe, reeffa ugguruu fi karaa biraatin ammoo reeffi akka hin dabarre bilbilaan dhoorkuu yaadni jedhu kan waldhahu ta’uu manni murtii naaf yaa hubatu jedheera.
 
Abukaatoon shakkamtootaa manni murtii maamiltoota isaanii wabiidhan akka gadhiisu gaafataniiru.
 
Manni murtiis bitaa mirga dhaggeeffachuudhan, guyyaa qorannaa dabalataa 8 eeyyamuudhan; Adoolessa 28,2012 beellama jijjiirramaa laatera.
 
Araafaat Abubakarii fi Addisuu Tolosaafaarratti ammoo guyyootii qorannaa dabalataa eeyyamuun, Hagayya 1,2012tti beellama jijjiirramaa qabeera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.