Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonniin Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Mikaa’eel Haarmaan waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin sababa walitti bu’iinsa naannoo Kaaba biyyattiitiin lammiilee miidhamaniif dhiyeessii deeggarsa namoomaa akkasumas miidhaa wayita walitti bu’iinsichaa mudatanitti ittigaafatamummaa jiru mirkaneessuuf tarkaanfiilee fudhataman irratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan marii isaaniin isaaniin, dhaabbileen deegartootaa dhiyeesssii deeggarsa namoomaa gara Tigiraayitti imalchiisaniif dhaqqabummaa hindaangofnee mijeessuuf kutannoo qabu ibsaniiru.
Lammiilee sababa garee shororkeessa ABUT’n Naannoo Amaaraa fi Afaarii buqqa’aniif dhaabbileen deeggartootaa deeggarsa namoomaa akka taasisan gaafataniiru.
Ergamaan Addaa Ameerikaa Mikaa’eel Haarmaan gama isaaniin, yaa’iinsa dhiyeessii deeggarsa namoonaa Naannoo Tigiraayitti taasifamaa jiru dinqisiisfachuu ragaan Ministeera Dhima Alaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.