Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin haaromsa manneen harka qalleeyyii jalqabsiisan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministiri Dhimma Alaa Obbo Dammaqa Mokonnin, Finfinnee Kutaa Magaalaa Guullaleetti haaromsa manneen harka qalleeyyii jalqabsiisaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun manneen 12 ta’an kan haaromsu ta’uun eerameera.

Obbo Dammaqaan harka qalleeyyiin jireenya gadaanaa keessa jiran jireenya isaanii tasgabbeessuuf manneen isaanii haaromsuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Manneen harka qalleeyyii adda baasuun hojiin haaromsuus cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Haaromsi manneen harka qalleeyyii kanaaf Birrii miiliyoona 5.8 baasii kan ta’uudha jedhameera.

Qiddist Abaataatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.