Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan hojiilee deebisanii dandamachiisuu hojjetuuf deeggarsa ni taasifana-UNDP

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) – Sagantaan Misoomaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii naannawaa walitti bu’iinsaan manca’an deebisanii ijaaruuf Ityoophiyaan hojiilee hojjettuuf deeggarsa fi walta’iinsa barbaachisaa akka taasisu beeksise.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeeraa Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Itti Gaafatamaa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Echiim Istaayiinar waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan marii isaaniin, haala kutaa Kaabaa Biyyattii irratti ibsa kennaniiru.

Mootummaanis waliigalteen nageenyaa hojiirra akka ooluuf kutannoo qabaachuu mirkaneessuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Mootummaan deebisanii dhaabuu, deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kallattiilee xiyyeeffannoo kaa’uun hojiitti seenuu ibsaniiru.

Waggoottan lamaan darban Ityoophiyaan haalota rakkisaa keessa taatee dhiibbaa hinmallee taasifamaa turee keessatti dhaabbatichi michummaa argisiiseef galateeffataniiru.

Naannawaa walitti bu’iinsaan miidhamanis deebisanii ijaaruu fi hawaasaa naannawichaa deeggaruuf koreen hundeeffamee hojiitti seenuu fi lammiilee deeggarsi barbaachisuuf deeggarsa namoomaa wal irraa hincinne kallattii hundaan Naanoo Tigraayitti dhiyaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannawaa tokko tokkotti barnootan, elektirikii, teelekominikeeshinii fi tajaajiloonni biroon irra deebiin eegalaniiru jedhan.

Sagantaan misoomaa dhaabbatichaas hojiilee deebisanii ijaaruu mootumman taasisu cinaa akka dhaabbatan gaafataniiru.

Itti Daafatamaan Dhaabbatichaa Echiim Istaayiinar gama isaaniin, rakkoon biyyattiitti mudatee ture waliigaltee nagaan akka xumuramuuf kutannoo mootummaan argisiise dinqisiifatanii, naannawaa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf dhaabbanni isaanii deeggarsa barbaachisa hunda akka taasisu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen biroos adeemsa deebisanii dhaabuurratti akka hirmaataniif gama dhaabbatichaan hojiilee bal’aan akka gaggeeffaman ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.