Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Yaa’ii Dureewwanii DhMG 78ffaarratti hirmaachaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Yaa’ii Dureewwanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi galmoota misooma waaraa irratti mari’achaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dhiibbaa vaayirasii koroonaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi walitti bu’iinsi siyaasaa quubsumaa karoora galmoota misooma waaraa biyyoonni karoorfatan yeroo qabame keessatti milkeesuuf gufuu ta’uun ibsameera.

Barreessaan Olaanaa Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutarees haasawaa taasisaniin, “Addunyaa eenyuyyuu irraa hinqoollifamne badhaatuu fi nagaa qabeettii dhugoomsuuf yeroon isaa amma“ jedhaniiru.

Karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii milkeessuuf dhaabbilee faayinaansii fi hammattoowwan yeroon irra darban jijjiiruun akka barbaachisuus dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.