Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan daawwanaan Chaayinaatti taasisan hariiroo biyyoota lameenii gara boqonnaa haaraatti kan ceesiseedha-Ministeericha

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministira fi Ministirri Dhimmaa Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin daawwanaan Chaayinaatti guyyoota shaniif taasisaan hariiroo michoomaa fi walta’iinsaa biyyoota lameenii gara boqonnaa haaraatti kan ceesise ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeericha Ambaasaaddar Mallas Alam midiiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin daawwanaan Obbo Dammaqaan Chaayinaatti taasisan bu’aa qabeessa ta’uu himan.

Dabalataan, daawwanichaan Chaayinaan biyya michuu cimtuu Ityoophiyaa ta’uu fi hariiroo gama siyaasaa fi dinaagdeen jiru caalmaatti hundeessuuf waliigaltee irraa ga’amuu eeraniiru.

Ittaanaa Pireezidaantii Biyyattii, Ministira Dhimma Alaa, bulchitoota bulchiinsa Guwaanduungi, Kantiibaa Magaalaa Guwaanzhi waliin marii gaarii gaggeessuu kaasaniiru.

Sadarakaa Ardii fi Gaanfa Afrikaa dabalatee dhimmoota idil addunyaarratti walta’iinsa jiru bal’isuuf kan hubatameedha jedhaniiru.

Guwaanzhuutti dhaabbilee 300 waliin mariin gaggeeffamuu fi dhaabbileen haaraan Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf fedhii argisiisuu fi waadaa galuu ibsaniiru.

Chaayinaa Magaalaa Beejiingitti Embaasiin ityoophiyaa sadarkaa isaa eeggate tajaajila eegaluu ragaan inisteera dhimma alaarraa argame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.