Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan daawwannaaf Taanzaaniyaa galan

Finfinnee Eebla 16 ,2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin daawwannaa biyyootaa Afrikaa afuritti taasisan Taanzaaniyaatti eegalaniiru.

Obbo Dammaqaan daawwicha Taanzaaniyaatti kan eegalan yoo ta’u, itti fufuun Komooroos, Ugaandaa fi Burundiitti ni daawwatu jedhameera.

Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Saluhuu waliin dhimmoota gama lameenii fi naannawaarratti mari’ataniiru.

Kana malees, Ityoophiyaan Taanzaaniyaa waliin hariiroo qabduuf xiyyeeffannaa akka kennitu ibsuun hariirichi damee diinagdeen akka cimuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa hojiirra oolchuun nageenyi akka mirkanaa’u mootummaan akka barbaadu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Dhimmoota Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaan walqabatan gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti haala fayyadamummaa hundaa mirkaneessuun mariin akka furamu gaafachuun, giddu seentummaan Liigii Arabaa sirrii akka hintaane eeraniiru.

Haalli sudaanitti mul’atus, karaa nagaan akka furamu Ityoophiyaan deeggarsa barbaachisaa akka taasiftu Obbo Dammaqaan dubbataniiru.

Daddabarsa seeraan alaa namootaa waloon ittisuuf waliigalteerraa ga’amuun, lammmiilee daddabarsitootaan gowwoomfamanii Taanzaaniyaatti argaman deeggarsi barbaachisaan akka taasifamuuf gaafataniiru.

Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Saluhuu gama isaaniin biyyi isaanii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu keessumaa damee Aviyeeshinii fi tuuriizimiin, akkasumaas aadaan akka cimuu fedhii qabachuu calaqqisiisaniiru.

Kana malees mootummaan Ityoophiyaa tattaaffii nageenyaa mirkaneessuuf taasisu akka deeggaran ibsan.

Taanzaaniyaan gama Embaasii Ityoophiyaan lammiilee Ityoophiyaa kuma 2 fi 500 baatiiwwan darban gara biyyaatti deebisuu fi lammiilee hafan gara biyyaatti akka deebifaman ibsuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.