Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan deeggarsa namoomaa gara Naannoo Tigraay ergamu saffisiisuuf tattaaffii taasiifamaa jiru daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin deeggarsa namoomaa gara Naannoo Tigraay ergamu saffisiisuuf tattaaffii taasiifamaa jiru naannoo Afaar Keellaa Sardootti argamuun daawwataniiru.

Daawwannicharratti Preezidaantii naannichaa Obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee argamuu ibsameera.

Obbo Dammaqaan mootummaan deeggarsa namoomaa gara naannichaatti argaman saffisiisuuf tattaaffii hunda galeessaa taasiisaa jiru cinaatti, meeshaaleen gareen ABUT kaayyoo badiif oolchu akka hin dabarre xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.