Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan itti aantuu dura teessuu Komishinii gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Ebila 1, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin itti aantuu dura teessuu Komishinii Gamtaa Afrikaa Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagaanwaan waliin mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagaanwaan itti aantuu dura teessuu Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun filatamuu isaaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsaniiru.
Bara hojii gaarii akka ta’uufi hawwaniiru.
Yeroo itti aanu sosochii hojii taasiisan keessatti deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu eeraniiru.
Obbo Dammaqaan marii Sadee Hidha Haaromsaa Kinshaasaatti gaggeeffame ilaalchisaa Dooktar Mooniikiif ibsa taasiisaniiru.
Rakkichi furmaata Afrikaa kan barbaadu ta’uu amanuun marichi gaggeessuummaa Gamtaa Afrikaan akka itti fufu Ityoophiyaan ejjennoo qabaachuu kaasaniiru.
Naannoo Tigraayitti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa fooyya’aa jiraachuu eeraniiru.
Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagaanwaan gama isaaniin rakkoolee Afrikaaf furmaanni Afrikaa murteessaa ta’ee amantaa guutuu qabaachuu ibsaniiru.
Ejjennoo Ityoophiyaan gama kanaan qabattees kan dinqisiifatan ta’uu dubbataniiru.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffii taasiifamuuf mootummaan Ityoophiyaa hojjettoota Gamtaa Afrikaaf talaallii akka deeggarsa taasiisu gaafataniiru.
Obbo Dammaqaanis mootummaan Ityoophiyaa hojjettoota gamtichaaf deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.