Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliizii fi Ayarlaandi Kaabaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliizii fi Ayarlaandi Kaabaa Daaranjoo Weelichi waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan, walitti bu’iinsa Ityoophiyaatti mudate hordofee Biriitaaniyaan lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa taasiisaa turte galateeffataniiru.

Waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf Ityoophiyaan murannoo cimaa qabaachuu ibsaniiru.

Lammiileen sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif tajaajila bu’uuraa dhiyeessuurra darbee Imaammata Ce’umsa Haqaaf karoorri qophaa’aa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.