Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira dhimmoota Afrikaa Biriitaaniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin Ministira dhimmoota Afrikaa Biriitaaniyaa Jemsi Dadiiriij waliin dhimmoota waloorratti mari’atan.
 
Haala hariiroo biyyoota lamaanii cimsuun danda’amuu fi dhimmoota waloo biroorratti mari’ataniiru.
 
Akkasumas weerara vaayrasii koroonaa haala waliin ittisuun danda’amuu fi dhimmoota naannichaarratti marii taasisaniiru.
 
Ministirri dhimmoota Afrikaa Biriitaaniyaa Jemsi Dadiiriij daawwannaa hojii guyyoota sadiif Finfinneetti argamu.
 
Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfiwwan ciccimoo hedduun fudhatamuu obbo Dammaqaan wayita kana ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.