Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Soomaaliyaatti ergamaa addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Soomaaliyaatti ergamaa addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jeemsi Siwaan waliin har’a bilbilaan mari’ataniiru.
Dhimmoota waqtaawaa Soomaaliyaa fi naannicharratti odeeffannoo waljijjiiraniiru.
Ministeer Jeemsi adeemsaa filannoo, abdii fi hudhaalee jiru, haala siyaasaa, sodaa nageenyaa garee finxaaleyyii Alshabaabii fi dhimmoota walqabatan ilaalchisee obbo Dammaqaaf ibsa taasiisaniiru.
Qaamoleen lameen garaagarummaa mootummaa federaalaa fi bulchiinsa federaalaa Soomaaliyaa gidduu jiru karaa nagaan furuuf tattaaffii taasiifame dinqisiifataniiru.
Garaagartee naannicha gidduu jiru furuuf mariin taasiifamuu cimee itti fufuu akka qabu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.