Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dastaa Leeddaamoon Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappan waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappan Shiibataa Hiroonoriin waliin mari’ataniiru.
Obbo Dastaan deeggarsaa Mootummaan Jaappaan naannichaaf taasiseef galatteeffachuun, naannichatti dameelee garaagaraan deeggarsaa taasisa jiru cimsee akka itti fufuus gaafataniiru.
Naannichi Qabeenya umaaman kan badhaadhee fi filannoowwan invastimanti hedduu qabaachuu isaan Abbootiin qabeenyaa gara naannichaa dhufanii hojjetan bu’a qabeessaa akka ta’an Ambaasaaddarichaf ibsa kennaniiru.
Ambaasaaddar Shiibataa Hiroonoriin gamaasiin, turtii taasisanitti gammaduu ibsuun,yaadota ka’aniif xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetan ta’uu himuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.