Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dastaa Leeddamoon Fiichee Cambalaalaa ilaalchisuun erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoon Jijjiiraa Bara Haaraa Fiichee Cambalaalaa ilaalchisuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Fiichee Cambalaalaan ayyaanaa jijjiirraa bara haaraa ummataa Sidaamaa ta’uu yaadachiisan.

Ummanni Sidaamaa ummataa dhaha ofii isaa qabu ta’uu kan eeran Obbo Dastaan beekumsaa fi ogummaa aadaa isaa dhalootaa dhalootatti dabarsaa dhufuun har’aan ga’uu himaniiru.

Dhahi ummatichaa madaallii hambaa addunyaa guutuun Dhaabbataa Aadaa, Saayinsii fi Barnootaa Mootummoota Gamtoomaniitti akka galmaa’uu ta’u kaasan.

Ayyaanni Fiichee Cambalaalaanis kunuunsa qabeenya uumamaaf kan taasisu, mirga daa’immanii fi dubartootaa kan kabaju, eegumsa bishaan, biyyee fi bosonaaf akkasumaa kabajaa qabeenya uumamaaf kennu olaanaa ta’uun, duudhaa aadaan xiinxalamee dhimmoota ijoo hambichi hambaa addunyaa ta’ee akka galmaa’u taasisan ta’uu eeran.

Ayyaanichis bara moofaarraa gara bara haaraatti ce’uu yoo ta’u, ayyaanicha wayita kabajnus haaloo, walgaarreffannaa keessa ta’anii bara haaratti akka ce’amuu waan hineeyyamamneef Ummanni Sidaamaa Sirnaa Hulluuqqaan araaraa kan buusuudha jedhaniiru.

Fiichee Cambalaalaan dhalattoota naannichaa biratti jaalala, nagaa, tokkummaa, waloomaa fi waliif yaaduu waan ta’eef hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uun ayyanichaa faayidaa olaanaa akka qabu ibsan.

Beekumsaa mandhalee ummata sidaamaa fi sirna qorannoo dhaha ummatichaa, hawaasa addunyaa biratti waan beekameef, Indaastirii Tuuriizimii dagaagsuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu himaniiru.

Ummanni Sidamaa hammataa ta’uu bira darbee Ayyanaa Fiichee Cambalaalaa kan kabaju tokkummaan, waliin nyaachuu fi dhuguun, kana qabu kan hinqabneef qooduun, waldeeggaruu fi waliif yaaduun yoo ta’u duudhaa kanas ifatti baasuun, akkuma duraanii kanneen dhaban deeggaruu fi gargaaruun, nageenya naannawaa fi qe’e ofii eeggachuun gochaalee hinmalleerraa of qoqqobuun gammachuun gara bara haaraatti haa dabarru jechuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.