Fana: At a Speed of Life!

obbo Gadduugorsitoota hoji raawwachistoota miseensa mana maree olaanoo diyaaspoora Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw gorsitoota hoji raawwachistoota miseensa mana maree olaanoo diyaaspoora Ityoophiyaa waliin mari’atan.

Obbo Gadduun miseensa hoji raawwachistoota waliin dhimmoota COVID -19 fi kanneen biroorratti viidiyoo koonfiraansiin mari’ataniiru.

Marichaan COVID-19 waliin wal qabsiisee haalaa waqtaawaa Ityoophiyaa, adeemsa ijaarsa hidha guddicha Ityoophiyaa fi hidhicha xumursiisuu akkasumas dhimmoota ijoo hawaasummaa fi diinagdeerrattis mari’ataniiru.

Miseensa hoji raawwachistu mana maricha dabalatee Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsuum Araggaan fi Daayreektarri olaantuu Eejansii diyaaspoora Ityoophiyaa aaddee Salaamaawwit Daawwit hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.