Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun barreessaa olaanaa Siiviil Ayiveeshinii Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw barreessaa olaanaa Siiviil Ayiveeshinii Afrikaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Gadduun barreessaa olaanaa Siiviil Ayiveeshinii Afrikaa obbo Tafarraa Makkoonniin waliin waajjira isaaniitti marii’ataniiru.

Obbo Tafarraan Siiviil Ayiveeshiniin Ityoophiyaa ulaagaa nageenyummaa ayiveeshinii idil addunyaa dhibbaan dhibbatti guutuu isaa gareen qorannoo Ayiveeshinii Idil Addunyaa mirkaneessuu isaatin, maqaa Ayiveeshinii Afrikaatiin erga baga gammaddanii dabarsaniiru.

Gama mootummaan hoggansa kennamaa jiru dinqisiifachuun, beekkamtii kana jabeessanii itti fufsiisuuf mootummaan to’annoo fi hordoffii cimsee itti fufuu qaba jedhan.

Obbo Tafarraan dabalataan gabaa geejiba qilleensaa Afrikaa tokko hundeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran, dhimmoota naannoo fi sochii ayiveeshinii idila addunyaa waliin wal qabatan obbo Gadduuf ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.