Fana: At a Speed of Life!

Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyi jilaa taajjabdoota filannoo dursuuf Seeraaliyooniin galan

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa Duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi jila taajjabdootaa filannoo Gamtaa Afrikaa dursuuf Seeraaliyoniin galaniiru.

Filannoon waliigalaa Seeraaliyoon Sanbata dhufu Waxabajjii 17, 2015 kan gaggeeffamu ta’uun TOI gabaaseera.

Gamtaan Afrikaa filannicha taajjabuuf jila yeroo gabaabaaf hundeesse Obbo Haayilamaariyaan akka dursaniif filatamuun ni yaadatama.

Filannoo Seeraaliyooniif lammiileen miiliyoona 3.4 ol galmaa’uu Koomishiniin Filannoo Biyyatti beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.