Fana: At a Speed of Life!

Obbo Harbii Buhii Warsimee itti aanaa Kaantiba magaalaa Dirree Dawaa ta’uun muudamaniiru

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC)- Manni Maree bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa yaa’iin jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 3ffaa gaggeesseen Obbo Harbii Buhii Warsimee itti aanaa Kaantibaa fi hogganaa Biiroo Daldalaa magaalichaa taasiisuun muudera.
Yaa’iin jalqabaa waggaa 1ffaa Mana Maree magaalaa Dirree Dawaa muudamoota kaabinee haaraa mirkaneesseera.
Haaluma kanaa:-
1.Obbo Ibraahiim Yesuuf Itti waamama Mootummaa fi Itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa,
2. Obbo Sulxaan Aliyyii hogganaa Biiroo Faayinaansii,
3.Obbo Roobeel Geetaachoo Hoggaanaa Biiroo Ogummaa fi Teeknikaa,
4.Obbo Nuurraddin Abdallaa Hogganaa Biiroo Qonnaa,
5.Injiinara Jamaal Irbraahiim hogganaa Biiroo Konistiraakshinii,
6. Aadde Lamlam Bazzaabihi hoggantuu Biiroo Eeggumas Fayyaa,
7. Obbo Abduusalaam Ahimad hogganaa Biiroo Haqaa,
8.Obbo Saajiid Aliyyii Huseen hogganaa Biiroo Misooma Lafaa,
9. Muluukaa Mahaammad Huseen hogganaa Biiroo Barnootaa,
10, Obbo Isqiyaas Taaffasaa hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa,
11, Aadde Faaxumaa Musxufaa hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartoota fi Daa’immaanii,
12. Obbo Abbuubakir Adoosh hogganaa Biiroo Paablik Sarvisii,
13, Aadde Caaltuu Huseen Ooditara olaantuu,
14, Obbo Abdusalaam Mayidanee hogganaa Quunnamtii miidiyaalee taasiisuun muuduu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni muu’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.