Fana: At a Speed of Life!

Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi mootummaan olaantummaa seera kabachiisuuf tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu gaafatan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi Mootummaan olaantummaa seera kabachiisuuf tarkaanfii fudhachaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Sirna eegalchiisa Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa guyyaa har’aa magaalaa Gondaritti gaggeeffameerratti kan argaman Muummeen Ministiraa FDRI duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi haleellaa tibbana lammiilee nagaarratti raawwatame balaaleffataniiru.
Biyyattiitti nagaan akka bu’uu fi lammiileen tasgabbiin akka jiraatan mootummaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegale cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Duula ashaaraa magariisaa 4ffaa karaa milkii qabuun raawwachuun karoora Ityoophiyaa uwwisuu galmaan ga’uu qabna jedhan.
Mul’ata Ashaaraa magariisaa milkeessuuf dhaabbilee fi qaamni dhuunfaan bakka jiranitti biqiltuu dhaabuun qooda isaanii akka ba’an ergaa dabarsaniiru.
Hawaasni faayidaa bosonaa hubachuun biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.