Fana: At a Speed of Life!

Obbo Malaaku Aallibal Afrikaa Bahaatti Hoggantota Baankii Misoomaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Aallibal Afrikaa Bahaatti Jila Ittaanaa Daayrektara Jeneraalaa Baankii Misoomaa Afrikaa Abdul Kaamaaraa waliin mari’ataniru.

Imammata indaastirii oomishaa qopheessuurraa eegalee yeroo weerara vaayirasii koroonaatti alergee itti fufsiisuu fi misooma paarkiiwwan qonnaa qindaa’aan walqabatee deeggarsaa jirurratti mari’ataniiru.

Fuuldurattis wixinee imammataa indaastirii hojiitti galchuun akkasumas paarkiiwwan bu’aa qabeessa taasisuuf fuuncaa oomishaa, faayinaansii akkasumas hojiilee beeksisaa garaagaraa biroo irratti hojjechuuf waliigalteerra ga’ameera.

Baankichis hojiileen Ministeera Indaastirii akka si’atuuf deeggarsa taasisaa jiruuf ministirichi waraqaa raga galataa gumaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.