Fana: At a Speed of Life!

Obbo Malaakuu Allebal Komishinara Komishinii Daldalaa fi Indaastirii Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal Komishinara Komishiinii Daldalaa fi Indaastirii Gamtaa Afrikaa Albarti Muchaan waliin mari’ataniiru.

Haala Indaastiriiwwan ammayyeessuun Qonnaa fi Indaastirii waltee waliif taasiisuuf hojjechuun danda’amuratti mari’ataniiru jedhame.

Sadarkaa Ardiitti qindoominaan hojjechuun Guddina Indaastiriif faayidaa olaanaa qabaachuu Obbo Malaakuun dubbataniiru.

Komishiniin Daldalaa fi Indaastirii Gamtaa Afrikaa Misooma Indaastirii Itiyoophiyaa tumsuuf fedhii qabaachuu Albarti Muchaan himaniiru.

Agarsiisa Torbee Indaastirii yeroo itti aanu Gamtaan Afrikaa qopheessurratti Itiyoophiyaan akka hirmaattu affeeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.